📝 Taatee Darbeen Of Hin Madaalin ▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬ ✍️ Namichatu yeroo ijoollummaa isaa lafa onaa gammoojjii keessa deemee damma baafatee gara gabaa geessee gurguree jireenya isaaf maatii isaa ittiin jiraachisa ture. Gaaf tokko garuu mudannoo isa mudate kan hiriyoonni isa waliin jiran argan tokko qaba ture.
✍️ Mudannichis akkas ture; bakki isa fincaa'aa bishaanii gubbaadha, fageenyi isaa baay'ee ol fagoo kan ta'e gubbaatti damma argate. Funyoo/Wadaroo isaa hidhatee meeshaa dammi sun itti ba'us qabatee hiriyoota isaatti damma muree kennuuf olba'e, akkuma amalasaa hoomaa kanniisaa kan qabeenya isaaf jedhee ofirratti lolu danda'aa damma muree itti laachuu jalqabe.
Yeroo kana muka inni irraa damma baasu sana irratti bofti teessuma tolfatee jiraata ture. Innis gaafa namicha argu egaa diina koo argadheen jira jedhee summii isaatin hidduuf yaalii godheetu irraa deebi'a. Bifuma kanaan al lama sadii yaalii godhe, gochaa kana hiriyoonni isaa arganiitu itti himuuf yaadanii tarii rifaatudhaan achirraa of darbatee du'uu danda'a jedhanii waan yaadaniif otuma arganii callisu turan, ta'us hiriyaan isaanii summii bofaan utuu hin miidhamin nagaadhaan achirraa bu'ee gara mana isaanii galan.
✉️ Akka tasaa waggaa baay'ee turanii hiriyummaa isaanii fi taatee waliin dabarsan yaadachaa otuma odeessanii gocha guyyaa sanaa gadi fuudhanii dudubbatan. Namtichi Lola kanniisaa waliinii fi damma argachuu isaaf gammaduu malee akka wanti Lubbuu isa baasu isatti aggaame hin argine ture, haa ta'u malee hiriyoonni isaa guyyaa sana bofti akka isa hidduuf itti aggaamee dhiisaa ture yeroo itti himan rifaatuun addaa itti dhaga'ame. Addumattuu taateen waggaa hedduu lakkoofsise isaan itti himnaan naasuun achumatti hambise. Namtichi duuba deebi'uuf dadhabee lubbuun isaa darbe jedhama.!
📩 Kana irraa akka waan baay'ee barannu abdiin qaba. Yeroo baay'ee cimina keenyaanis haa ta'u gargaarsa waaqaan waan moonee dabarre duuba deebinee jireenya keenya har'aa yeroo balleessinu ni mul'ata. Kaleessi hin jiraatamu, har'a isa of harkaa qabnutti gammannee haa jiraannuun dhaamsa kooti.
Leadership and Psychology ✅️