Jaallatamaa Abbaa kiyya Yooyyaa jedhee waajjira muummee WKWWMYI keessatti hojjadhutti simachuun, isaanis nadaawwachuuf asitti argamuun anaaf gammachuu addaati.
Jaalalli, kadhannaan, aarsaanii fi fakkeenyi jireenya isaanii Waaqa sodaatuun guutame yeroo hunda jireenyaa fi tajaajila kiyya keessatti humnaa fi qajeelfama guddaa naaf ta'eera.
Yooyyaa Abbaa kiyya, yeroo cufa najajjabeessuu, anaaf kadhachuu keessaniif, akkasumas tarkaanfii hunda keessatti na deeggaruu keessaniif galatoomaa. Waaqi: fayyaa gaarii, humna, badhaadha/ayyaanaa fi umrii dheertuu isiniif haa kennu, nuuf jiraadhaa❤🙏!
Akkasumas, yeroo daawwannaa kanatti Abbaa kiyya kabajaa fi simannaa ho'aa isaaniif taasisaniif hoggantootaa fi hojjettoota Waajjira Muummee WKWWMYI'n galatoomaa, Horaa Bulaa jechuu fedha.
Fakkeenya dansaa abbootii fi haadhotii, akkasumas angafoota keenyaa fudhannee, jireennaa fi tajaajila keenyaan milkaawuu akka dandeenyu Waaqi nuhaa gargaaru! Horaa Bulaa!
''...Badhaadhi Waaqaa isin woliin jiraatu.'' Qol. 4:18 (Kitaaba Woyyicha)
#IlmaGalateeffataa #EebbaMaatii #EECMY #KiristoosiifTajaajiluu #AmantiiFiMaatii
***
ውድ አባቴን በኢ/ወ/ቤ/ክ መካነ ኢየሱስ (EECMY) ዋና ጽሕፈት ቤት ባለው ቢሮዬ መቀበል ለእኔ ታላቅ ደስታና ልዩ ክብር ነበር። እግዚአብሔርንና ቤተ ክርስቲያኒቱን በሚያገለግልበት ቢሮ መጥተው እኔን መጎብኘታቸው ለእኔ ትልቅ ደስታ እና የማይረሳ ትዝታ ሆኖ ይቀራል።
በሕይወቴና በአገልግሎቴ ውስጥ የደረስኩበት ሁሉ ከአባቴ ፍቅር፣ ከጸሎታቸው፣ ከመስዋዕትነታቸው እና እግዚአብሔርን በመፍራት ከተሞላ ምሳሌያዊ ህይወታቸው ጋር የተያያዘ ነው። አባቴ ሆይ፣ ሁሌም ከጎኔ ስለሆንክ ፣ ስለምትጸልይልኝ፣ ከጎኔ ቆመህ ስላበረታታኸኝ እና ስለምታበረታኝ ከልብ አመሰግንሃለሁ።እግዚአብሔር በሙሉ ጤና፣ በብርታት፣ በብዙ ጸጋ እና በረጅም ዕድሜ ይባርክህ።
በተጨማሪም፣ አባቴን በፍቅርና በአክብሮት ለተቀበላችሁት ለኢትዮጵያ ወንጌላዊት መካነ ኢየሱስ ቤተ ክርስቲያን ዋና ጽሕፈት ቤት አመራሮችና የስራ ባልደረቦች ሁሉ ከልብ ምስጋናዬን አቀርባለሁ። ያሳያችሁት ፍቅር፣ አክብሮት እና እንግዳ ተቀባይነት ይህንን ጉብኝት የበለጠ ልዩና ትርጉም ያለው አድርጎታል።
በህይወት ዘመናችን እና አገልግሎታችን ሁሉ መልካም ምሳሌነታቸውን በመከተል እግዚአብሔርን እና ህዝቡን
በታማኝነት ማገልገል እንድንችል እግዚአብሔር ይርዳን: በጸጋው ይደግፈን። አሜን🙏!
''...ጸጋ ከእናንተ ጋር ይሁን።'' ቆላ. 4:18
#አመስጋኝልጅ #የቤተሰብበረከት #EECMY #ክርስቶስንማገልገል #እምነትናቤተሰብ
***
It was a great joy and honour to welcome my beloved father to my office at the Ethiopian Evangelical Church Mekane Yesus (EECMY) Headquarters. Having him visit the place where I have the privilege of serving the Church was truly meaningful.
His love, prayers, sacrifices, and godly example have been a constant source of strength and encouragement throughout my life and ministry. Thank you, Dad, for believing in me, praying for me, and supporting me every step of the way.
I would also like to express my sincere appreciation to the EECMY Central Office leaders and staff for the warm welcome and kind hospitality they extended to my father during his visit. Your thoughtfulness made the occasion even more special, and I am truly grateful.
May the Lord continue to bless you, Dad, with good health, strength, and abundant grace.
May God help us, throughout our lives and ministries, to follow the godly example of our fathers, mothers, and leaders, so that we may faithfully serve God and His people. May He sustain us by His grace and strengthen us each day. Amen! 🙏
''...Grace be with you.'' Col. 4:18 (NIV)
#GratefulSon #FamilyBlessing #EECMY #ServingChrist #FaithAndFamily