#Muuxannoo_Babal'achuu Qabu. Mirgi Barachuu Daa'immanii Mana Barnootaatti Simachuu Qofaan Hin Daangeffamu. ----------- BBO - Adoolessa 13/2018 Mirgi Barachuu daa'immanii gara mana barnootaa erguufi simachuu qofaan kan daangeffamu otuu hin taane, daa'imman gara mana barnootaatti ergaman maatiin hanga mana barnootaatti hordofuun deeggarsa maatii irraa eegamu bahuu dirqama qaba. Haaluma walfakkaatuun, daa'imman maatiin gara mana barnootaa ergan simachuu qofti mirgi barachuu daa'immanii kabajame jechuun hin danda'amu. Hojiin inni guddaan daa'imman gara mana barnootaa dhufan mala barnootaa saayinsaawaa ta'etti fayyadamuun kennama uumamaa daa'imman keessatti argamu, gahumsa sammuufi ogummaa isaan keessa jiru adda baasuun barnootaan akka dagaagfatan deeggaruudha.
Daa'imman kennama uumamaan qaban ofkeessaa baasanii akka fayyadaman deeggaruun egeree isaanii akka ogummaa isaaniitti dorgomtoota ciccimoofi gahumsa olaanaa akka horatan deeggaruun murteessaadha.
Haaluma kana bu'uureeffachuun Biiroon Barnootaa Oromiyaa daa'imman bu'uura irraa gahumsaan akka guddatan sirna barnootaa Barnoota Bu'uura Boruu qopheessuun waggoota 4n darban keessatti hojiirra oolchee jira.
Barnootni Bu'uura Boruu/Preprimary Education/ yeroo ammaa kana daa'imman bu'uura irraa gahomsuu irratti akkuma mootummaan irratti xiyyeeffate, abbootiin qabeenyaa barnoota irratti hirmaataa jiranis bu'aa maallaqaan argatan caalaa dhaloota ceesisuu irratti xiyyeeffatanii hojjataa jiran heddumminaan mul'ataniiru.
Manneen Barnootaa Bu'uura Boruu dhuunfaa/abbootii qabeenyaa keessaa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Sandaafaa Bakkeetti Mana Barnootaa "#NUUN_AKKAADAAMII" Adoolessa 12/2018 daa'imman barnoota Bu'uura Boruu/Preprimary Education/ xumuruun gara kutaa 1ffaa darban bakka hoggansi magaalichaafi hoggantootni waajjira barnootaa kutaa magaalaafi miseensotni boordii mana barnootichaa argamanitti Galma Yunivarsiitii Poolisii Itoophiyaatti eebbisiisaniiru. Walitti qabaan boordii MB "Nuun Academy" Dr. Tasfaayeen haasawa taasisaniin, Manni barnootaa isaanii dhaloota ceesisuuf kan hundaa'e malee barnootaan daldalee bu'aa hammaarrachuuf akka hin taane dubbataniiru. Manni barnootichaa dhalattoota naannawa kanaatin kan hundaa'e yoo ta'u, ijoollee hawaasa isaan guddisee gahomsuuf dursa kan kennan ta'uun dubbatameera.
Daa'imman eebbifaman kunniin /hundumtuu/ barnoota dandeettiifi kennama uumamaa isaanii irratti hundaa'un barachaa turaniin barsiisota isaanii waliin ta'uun maatiifi hirmaattota sirna eebbaarratti argamaniin gochaan/ta'uun/ agarsiisaa adda addaa daawwachiisaa oolaniiru. #Kunis_manni_barnootichaafi_barsiisotni daa'imman simatanii turan dursanii kennama uumamaa daa'imman keessa jiru adda baasuun akka dagaagfatan gahumsaan kan gargaaran ta'uu agarsiisa.
Manni Barnootaa Nuun Akkaadaamii/#Nuun_Academy/ bara barnootaa kanatti daa'imman #maatiin_harka_qalleeyyii_ta'an 18 bilisaan barsiisaa kan tureefi fuulduras lakkoofsa kana kan olguddisan ta'uu #hoggantuun_mana_barnootichaa Aadde Haannaa Xilaahun beeksisaniiru.
💙Oromia Education Bureau 💠 💙Tolaa Bariisoo Gadaa 💠
| |📱Facebook | |📱 WhatsApp | |📱YouTube | |📱Telegram | | 🤖Bot | |