𝐎𝐟 𝐒𝐨𝐛𝐧aam...!👌
1. Karoorsanii dilii hujuu irra, nyaata summaawe Nyaachuu wayya.
2. Baratanii Itti hojjachuu dhabuu irra, wallaalumma ofiitiin gaarii dalagutu caala.
3. Sadaqaa namaaf kennanii dhaadachuu irra, Miskiinummaa wayya.
4. Maallaqni gammachuu siif hin bitu, garuu gammachuu sijalaa hata. Namni gurguddaa fi kabajamaan hedduu maallaqa dhabuu isaatiin xiqqeeffameera.
5. Osoo Rabbiin kafana kabajaa isatti uffisuu baatee, ilmi namaa hundi qullaa jira.
6. Ilkaan bareedaa Rabbi namaaf kenneen foon obboleeyyan ofii hamiin nyaachuu irra, ilkaan fixatanii muuqii dhuguu wayya.
7. Mammaaksi “Haatee Durbaa? Jennaan, dur kaa.” Jedhan sun jijjiirameera. “Haatee durbaa? Jennaan, harka dhibbaa “ tti jijjiirameera. Bara kana haadhumatu akka dubra duriitti qaanfii qaba, kabaja qaba, sharafa dubrummaa beeka.
8. Nama qaala’iinsi jireenyaa sooqidda bitachuu dhoorge, Doktorri shukkaarri kee ol ka’eera, of eegi ykn sigalaafata jedhaan
https://t.me/Imaluuf/